Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Ayyaana Sooma Hiika sabaabeeffachuun lammiilee kuma 300 oliif deeggarsi ni taasifama

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Ayyaana Sooma Hiika sababeeffachuun lammiilee harka qalleyyii kuma 300 oliif deeggarsa taasiisuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa naannicha ibseera.
Deeggarsa Akaakuu Birrii miiliyoona 450tti tilmaamamu taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.
Biirichi Ayyaana Sooma hiika sababeeffachuun lammiilee kuma 300 ‘f deeggarsa garaagaraa taasiisuuf karoorfate keessaa hanga ammaatti lammiilee kuma 180 oliif deeggarsi taasisuu biirichatti Daayrektarri Qindeessaa Hordoffii fi Eegumsa Hawaasummaa Obbo Abdulaahi Ahimad Faanaa Biroodkasting Korpooreetif himaniiru.
Hanga ammatti meeshaaleen akka Daakuu, Xaafii, Zayita Nyaataa, Qullubbii, Lukkuu, Killee, Hoolaa, Re’ee fi galteewwan Ayyaana Sooma Hiikaaf oolan Birrii miiliyoona 27 baasaan deeggarsaan kennamuu eeraniiru.
Birrichi wayita Ayyaanaa qofa osoo hin taane dhaabbiin lammiilee harka qalleeyyiif deeggarsa adda addaa kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.