Fana: At a Speed of Life!

2015’tti Finfinneetti daandiiwwan komii ummataa ta’an xumuruuf xiyyeeffatameera

Finfinnee, Hagayya 3, 2014 (FBC) – Bara 2015’tti Magaalaa Finfinneetti bu’uuraalee misoomaa daandii komii ummataa ta’an xumuruuf xiyyeeffannan kennamuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Magaalichaa beeksise.

Daayrektarri Abbaa Taayitichaa Injiinar Mogas Alamuu FBC waliin turtii taasisaniin, ijaarsi isaanii kan harkifatee fi komii hawaasa magaalattii kan ta’an daandiiwwan jalqabaman xumuruuf galmi qabamuu eeraniiru.

Ijaarsa isaa waggootaa sadii keessatti xumuruuf kan yaadamee fi harkifachuun waggoota shan kan lakkoofse daandiin Aqaaqii Qaallittii-Tulluu Diimtuu pirojektoota xiyyeeffaannaan kenname keessaa ta’uu ibsaniiru.

Liqiin gadii dhiifamuu dhabuun kan harkifatee pirojektichi bara 2015’tti baajata magaalichaan xumuramee tajaajila akka eegalu taasisuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Kana malees, pirojektiin daandii Araaraat-Kotobee-Kaarraa pirojrktoota akka xumuramaniif qabaman keessaati jedhan.

Akka Injiinar Mogas, bara 2015 ijaarsi isaani kan eegalame pirojektoota daandii 25 xumuruuf karoorafamu fi Pirojktoonni daandii haaraan eegalaman akka jiran kaasaniiru.

Zuufaan Kaasaahuuntu gabase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.