Fana: At a Speed of Life!

Dureewwan amantaa ayyaana Qillee bara 2013 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Dureewwan amantaa ayyaana Qillee bara 2013 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Iyyasuus Kiristoos dhalachuu isaan namaa fi Waaqa gidduutti araarri fi jaalalli bu’uu isaa kan himan dureewwan kunneen, hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa nagaan akka bu’u hirmaannaa irraa eeggamu taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Ayyaanni guyyaa dhalootaa Iyyasuus Kiristoos ayyaanaa nagaa fi araaraa ta’uu isaan hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa rakkoo nageenyaa yeroo ammaa biyyattii keessatti muul’atu hambisuuf qooda isaanii ba’uu akka qaban ergaa dabarsaniiru.
Weerara dhibee vaayrasii koroonaa yeroo ammaa addunyaa fi Ityoophiyaaf sodaa guddaa ta’aa jiru ittisuu fi to’achuuf hawaasni biyyattii dagannaa malee soscho’uu akka qaban yaadachiisaniiru.
Ayyaanicha wayita kabajan lammiilee rakkatanii fi harka qalleeyyiif waan qaban qooduun waliin kabajuu akka qaban dhaamaniiru.
Adaanaa Badiqaaduutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.