Fana: At a Speed of Life!

Gaambeellaatti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Waajjira Giiftii dureen ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifaa  Gaambeellaa magaalaa Gaambeellaatti Waajjira Giiftii Dureen ijaarrame har’a waaree booda eebbifameera.
Giiftii Dureen aadde Zinnaash Taayyaachoo fi Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umaad Ujuluun mana barumsichaa eebbisiisaniiru.
Manni barumsichaa baajata birrii miiliyoona 13.8 kan ijaarrame ta’uu ibsameera.
Manni barumsichaa gamoowwan bulchiinsaa, kutaalee barnootaa, kutaa yaalii, mana dubbisa kitaabaa, galmoowwan walga’ii fi kutaalee qulqullinaan kan hammate ta’ii ibsameera.
Manneen barumsaa waajjirichi ijaarsisaa jiru keessa Ifaa Gaambeellaan  har’a eebbifame isa 11ffaa ta’uu ibsameera.
Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Gaambeellaa kun baratoota kuma 1 fi 800 barsiisuu kan danda’u ta’uu himameera.
Fireyihiwat Saffiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.