Fana: At a Speed of Life!

Humni qindoomaa nageenyaa hundeeffama mootummaa biyyaalessaa fi kabaja ayyaana Irreechaa ilaalchisee marii taasiise

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Humni qindoomaa nageenyaa hundeeffama mootummaa biyyaalessaa fi kabaja ayyaana Irreechaa ilaalchisee qophummaa haala nageenyarratti marii taasiiseera.
Hoggantoonni Raayyaa Ittisaa, Poolisii federaalaa, Giddugala Intelajansii Artifishaalii, Ejansii nageenya odeefffannoo, Poolisii Finfinnee, Poolisii Oromiya, Tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa marii kanarratti hirmaataniiru.
Sadarkaa qophummaa qaamolee nageenyaa fi qophummaan hojiirra oolmaa teeknooloojii maalirra akka jirurratti marii taasiisaniiru.
Daayreektarri jeneraalaa Tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa obbo Tamasgeen Xirunehi jijjaarramaa asa hojii qindoominaan hojjetameen bu’aa gaariin argamuu kaasaaniiru.
Kabajni ayyaana Irreechaa fi hundeeffamni mootummaa rakkoo tokko malee karaa nagaan akka xumuramu qophiin barbaachisu taasiifamuu ibsaniiru.
Daayreektarri olaanaan Ejansii nageenya odeeffannoo Dooktar Shumatee Gizaw gama isaaniin,humnoonni haleellaa saayibarii raawwachuu barbaadan jiraatanis ittisuuf qophiin guutuun taasiifamuu himaniiru.
Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Komishinara Ararsaa Mardaasaas qaamoleen farra nageenyaa kamiiyyuu ummatarra miidhaa akka hin qaqqabsiifne ittisuuf hojiin teeknooloojiin deeggarame kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Bakka bu’aan Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Abdiroo Kadir gama isaaniin hojiileen amma hojjetaman dandeettii qaamolee nageenyaa kan agrasiisu ta’uu kaasaniiru.
Daayreektarri olaanaan Giddugala Intelajansii Artifishaalii Injiinar Warquu Gaachanaas hoggansi teeknooloojiin kallattiin bobbii akka hordofu taasiifamuun bu’aa olaanaa ta’uu himaniiru.
Komishinarri Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee Komishinara Geetuu Argaawu gama isaanii teeknooloojiin deeggaramuun hojii gaggeessuun saffisaa fi si’oomina kan dabalu ta’uu himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.