Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Kilabiin Kubbaa Miilaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Priimayeer Liigii Ityoophiyaatti makamuu mirkaneeffate.
Tapha xumuraa liigii olaanaatiin Laga Xaafoo Laga Daadhiin, goolii 4fi 0n Sandaafaa Bakkee injifachuun Priimayer Liigii Ityoophiyaatti makamuu mirkaneeffateera.
Bara 2009 irraa eegalee Liigii olaanaan dorgomaa kan ture Laga Xaafoo Laga Daadhiin, barana Ramaddii B keessatti hirmaachuun marsaa 2ffaa Magaalaa Baatuu tureen, morkataasaanii Buraayyuu fi Buna Benchimaaji caaluun gara dursummaatti dhufe.
Laga Xaafoon har’a Sandaafaa Bakkee goolii 4fi 0n injifachuun qabxii 36n 1ffaa ta’ee xumureera.
Kanaanis Priimayer Liigii Ityoophiyaatti makamuu isaa mirkaneffateera.
Kantiibaan Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii obbo Bariisoo Tamasgeen, kilabichi akka Priimayer liigitti guddatuuf bara kana hordoffii olaanaan taasifamuu dubbataniiru.
Shaampiyonaan Ramaddii B Laga Xaafoo Laga Daadhiin bara dhufu kilaboota Oromiyaa bakka bu’an Priimayer Liigii Ityoophiyaa keessatti kan hirmaatan keessaa tokko ta’a jechuudha.
Bara kana kilaboonni 3, Jimmaa Abbaa Jifaar, Adaamaa fi Sabbataan Oromiyaa bakka bu’uun Priimayeer Liigii Ityoophiyaa keessatti hirmaachaa jiraachuun isaanii kan beekkamuudha.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.