Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti tajaajila tolaan hojiileen misoomaa Birrii biiliyoona 7 baasan hojjetaman

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Gabaasni Tajaajila Tola Ooltummaa Addunyaa 4ffaan mata duree ‘Waldaalee walqixaa fi hundagaleessa ijaaruu’ jedhuun Galma Komishinii Diinagdee Afrikaatti ifatti eegalameera.

 

Mootummaan Ityoophiyaa injifannoo Tajaajila tola ooltummaa itti fufsiisuu fi  tola ooltummaaf haala mijataa uumuuf murannoo qabaachuu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen himaniiru.

 

Tola Ooltoota miiliyoona 21 hirmaachisuun hojiileen misoomaa Birrii biiliyoona 7tti tilmaamamu hojjetamuu eeraniiru.

Sagantaa gabaasaa kanarratti Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee dabalatee, Ityoophiyaatti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, hoggantoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii,Dhaabbileen tola ooltootaa, namoonni dhuunfaa fi qaamoleen biroo argamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.