Fana: At a Speed of Life!

Obbo Fiqaaduu Tasammaan Hawaasa godinaalee Wallaggaa hiriira ba’uun deeggarsa hoggansa jijjiiramaaf qaban argisiisan galateeffatan

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan Hawaasa godinaalee Wallaggaa hiriira ba’uun deeggarsa hoggansa jijjiiramaaf qaban argisiisan galateeffataniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Ummatni Oromoo godinaalee Wallagaa afaranii, akkasumas, bulchiinsa magaalaa Naqamtee fi Najjoo hara’s akkuma kaleessaa aantummaa fi quuqama sirna aarsaa qaamaa fi lubbuu itti wareegdanii argattan tikfachuuf, dambalii ummataa lafa sochooseen deeggarsa paartii keenyaa fi mootummaa paartiin keenyaa hogganuuf akkasumas jaalala looreeta nagaa addunyaa kabajamoo Ministeera Mummee Dr. Abiyyi Ahmadiif qabdan waan nutti agarsiiftaniif galatnin isiniif galchu jechaan kan ibsamuu miti.

Ummata wallaggaa hayyummaa fi gootummaa gumaachee biyya ijaaree asiin gaheef, nageenya, misoomaa fi badhaadhina malee dararamni hin maluufi. Waggoottan Shanan darban keessatti, misooma, nageenyaa fi badhaadhinatu naaf mala jedhee cichoominaan paartii fi mootummaa keenya cinaa waan dhaabateef, humna daandii badii filateen dararaa hamaa keessummeessaa turee jira.

Hiriira deeggarsaa guyyaa har’aa mul’iseen, injifannoo fi hiree aarsaa kumatamootaatiin argate tikfachaa, nageenyaa fi misooma waareessuun galmoota badhaadhinaa dantaan isaa keessatti mirkanaa’u fiduu keessatti qooda irraa eegamu hunda akka bahatu qabatamaatti mirkaneessee jira.

Ejjennoo fi quuqama sirna keessaniif agarsiiftanitti kaniin boone yommuu ta’u, Wallagga dachee nageenyaa fi badhaadhinaa ta’uu irra deebiin mirkaneessuu keessaniif kabajaa fi ulfinniin isiniif qabus ol’aanaa ta’uu isiniif ibsuun barbaada.

Walumaagalatti, ummata Godinaalee, Wallagaa afaran, akkasumas, Bulchiinsa magaalaa Naqamtee fi Najjoo danbalii ummataa uumuun deeggarsa paartii fi mootummaa keenyaaf qabdan nutti agarsiiftan, hoggantoota keenya hiree ummata Oromoo tiksuuf ummata keessan waliin aarsaa kaffalaa as geessan, qaamolee nageenyaa aarsaa qaamaa lubbuu kaffaluun ummata keessan cinaa dhaabatanii fi nagummaa hiriira deeggarsaa kanaaf gahee jechaan hin ibsamne gumaachitan, dargaggootaa, maanguddoota jaarsolii biyyaa, galanniin isiniif qabu ol’aanaa ta’uu ibsaa, ammas, isin waliin ta’uun nageenya keenya waareessuun galmoota badhaadhinaa dantaan ummata Oromoo keessatti mirkanaa’u dhugoomsuuf humni dubatti nu deebisu akka hin jirre isiniif mirkaneessuun barbaada.

Galatoomaa!

Fiqaaduu Tasammaa

I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.