Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan damee Saayinsii fi Teeknooloojiin Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf murannoo qabdi – Seenaatar Iggoor Mooroozoov

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Raashiyaan damee Saayinsii fi Teeknooloojiirratti Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf murannoo qabaachuu Walitti qabaan Tumsa Diinagdee Raashiyaa – Afrikaa Seenaatar Iggoor Mooroozoov ibsaniiru.

Mariin dursaa Yaa’ii Diinagee Afrikaa – Raashiyaa 2ffaan bakka hoggantoonni olaanoo Raashiyaa, bakka buutoonni hawaasa daldalaa fi hoggantoonni Mana Maree Daldalaa Ityoophiyaa argamanitti Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Walitti qabaan Tumsa Diinagdee Raashiyaa – Afrikaa Seenaatar Iggoor Mooroozoov biyya isaanii damee barnootaa, Daldalaa fi Invastimantiirratti Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjechuu kan barbaaddu ta’uu maricharratti kaasaniiru.

Raashiyaan muuxannoo damee qorannoo saayinsii hawaan qabdu Ityoophiyaaf qooduuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhaabbileen Raashiyaa hojiilee oomisha Konkolaattootaa, Tiraakteraa fi meeshaalee qonnaan biroorratti Ityoophiyaa keessatti hojjechuun misooma diinagdee biyyattii tumsuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.

Yaa’iin Diinagdee 2ffaan Afrikaa Raashiyaa hariiroo Raashiyaan Damee Diinagdee, Daldalaa, Aadaa fi deeggarsa namoomaa Ityoophiyaa fi biyyoota Afrikaa biro waliin qabdu cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Wandawasan Araggaanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.