Fana: At a Speed of Life!

Jimaata dhufu dhaabbiin biqiltuu ni eegala jedhame

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Caamsaa 28, 2012 dhaabbiin biqiltuu waggaa #Ashaaraa magariisa ifatti kan jalqabu ta’uu ibsan.
 
Bara darbe tokkoon tokkoon keenya waamicha biyyaalessaa kana fudhannee kan karoorfanne fiixaan baafneerra jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Dooktar Abiy,weerara #COVID-19 waliin wal’aansoo walqabnus,bara kana karoora biqiltuuwwan biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfanne galmaan ni geenya jedhan.
 
Maatiin hundi mataa mataatti fageenya qaamaa eegaa haala itti ashaaraa isaa kaa’uu danda’u ni mijeessina jedhaniiru.
 
Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, walgargaaraa, Ityoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru jechuun ergaa dabarsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.