Fana: At a Speed of Life!

Hojiin haasawa jibbiinsaa fi olola sobaa ittisuu eegalame cimee itti fufuu qaba – MMBBU

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa hojii haasawa jibbiinsaa fi olola sobaa ittisuu eegale cimsee itti fufuu akka qabu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa hubachiise.

Haasawa jibbiinsaa fi olola sobaa miidiyaalee hawaasummaan tatamsa’aa jiru ilaalchisee gabaasa Abbaan Taayitichaa dhiyeesserratti mariin gaggeeffameera.

Mootummaan dirree Diimokiraasii babal’isuuf damee hundaan hojiilee riifoormii hojjechaa jiraachuu Itti Aantuu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon ibsaniiru.

Damee miidiyaanis hudhaalee turan adda baasuun mirgi lammiileen odeeffannoo sirrii fi waqtaawaa argachuu akka mirkanaa’u taasifamuu dubbataniiru.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa hojii haasawa jibbiinsaa fi olola sobaa ittisuu eegale cimsee itti fufuu akka qabu yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.