Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee imaltoota Aduwaa marsaa 8ffaaf galaa laachuun gaggeessan

Finfinnee, Amajjii 9, 2013 (FBC ) – Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee imaltoota Aduwaa marsaa 8ffaaf galaa laachuun gaggeessaniiru.
Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee sirna gaggeessaa kanarratti injifannoon Aduwaa abbootiin keenya waldhaggeeffachuun, walkabajuun, tokkummaa fi jaalalaan injifannoo galmeessanidha jedhaniiru.
Aadde Adaanach injifannoon Aduwaa warreen Ityoophiyaa, ummaataa fi hoggantoota ishee xiqqeessan hundi akka salphatan kan himu kitaaba seenaati jedhan.
Akka abboota keenyaa biyya jaalatamtuu kana tokkummaan kabachiisuu fi ceesisuun ni qabnas jedhan.
Sirnicharratti bulchiinsi magaalichaa imaltootaaf deeggarsa galaa dabalataan Birrii miiliyoona 2 bifa kennaan laateera.
Injifannoo Aduwaa 125ffaa ilaalchisuun magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyatti gara garaa irraa walitti kan baba’an imaltoonni 125 bakka Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, abbootii amantaa fi hooggantoonni olaanoo araganitti gaggeessaan ta’eerafi.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.