Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebeen kabaja ayyaanota Damaraa, Masqalaafi Irreechaa ilaalchisee dargaggoota waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC)- Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen haala yeroo biyyaalessaa kabaja ayyaana Damaraa, Masqalaafi Irreechaarratti dargaggoota magaalichaa waliin mari’atan.

Ayyaanonni Masqalaafi Irreechaa duudhaalee amantaafi aadaa isaanii eeganii akka kabajamaniif dargaggoonni ga’ee olaanaa qabaachuu aadde Adaanach ibsaniiru.

Dargaggoonni qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun ayyaanota kanneen akkaataa duudhaalee amantaafi aadaa eeggateen dhiibbaa idil addunyaa dandamachuun kabajuu akka dandeenyu mul’isuu qabu jedhan.

Shira diinaa beekuufi gocha badii garee shororkeessaa ABUTfi Shanee hubachuun saaxiluun gahee isaanii ba’achuu akka qaban waamicha dhiyeessuu ragaan Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoorraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.