Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Ayyaana Iid Alfaxiir sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodan

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Ayyaana Iid Alfaxiir sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii kuma 101f maaddii qoodaniiru.

Dhiibbaa qaala’iinsi jireenyaa uumee dandamachiisuuf hojiin maaddii qooduu hojjetamaa jiraachuu Aadde Adaanachi eeraniiru.

Yeroo rakkisaa kanatti kan qaban walii qooduun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa har’aas lammiilee kuma dbibba 1 oliif maaddii qooduun danda’amuu himaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa torbeewwan darban lammiilee harka qalleeyyii kuma dhibba 2 fi kuma 40f maaddii qooduu himuun, hojmaatichi baatiwwan sadan itti aananiif kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.