Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach haala waqtaawarratti dubartoota magaalichaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee haala waqtaawarratti dubartoota kutaalee magaalichaa keessaa walitti babba’an waliin mari’ataniiru.
Humna badii nageenya naannoo booreessuuf socha’aa jiru qolachuuf dubartoonni hirmaannaa taasiisuutu irraa eeggama jedhame.
Gareen Shororkeessaa ABUT daa’imman fayyadamuun shira badii raawwachaa jiru balaaleeffatamuu akka qabu aadde Adaanachu ibsaniiru.
Keessattuu dubartoonni shira kana daraan balaaleeffachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Raayyaa Ittisaa wareegama kaffalaa jiru cinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Humna badii keessaa fi alaa nageenya booreessuuf socho’aa jiranirraa of eeguun ga’ee qaama hundaa ta’uu kaasaniiru.
Deeggarsa raayyaa ittisaaf taasiifamu cimsuun, hojiilee misoomaa eegalame itti fufsiisuun imala Badhaadhinaa eegalame dhugoomsuu qabna jedhan.
Hayimaanoot Iyyaasuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.