Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach kutaa magaalaa Araadaatti gidduugala nyaataa eebbisiisaniiru

Finfinnee, Eebila 24, 2013 (FBC) – Itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee kutaa magaalaa Araadaatti Galma giddugala nyaataa ‘Tasfaa Birihaan’ eebbisiisaniiru.

Giddugalli nyaataa Tasfaa Birihaan kutaa magaalaa Araadaa naannoo Bashaa Waldee Chilootaa jedhamuun beekkamutti kan ijaarrame yoo ta’uu, lammiileen harka qalleeyyiin guyyaatti yoo xiqqate yeroo tokko akka nyaataniif kan dandeessiisudha jedhame.

Magaalichatti galmoonni akka kanaa kutaalee magaalaa shan keessatti hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Giddugalli har’a hojii eegale kun harka qalleeyyiiwwan hanga kuma 1 fayyadamoo kan taasiisu ta’uu ragaan Waajjira Seektariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.