Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach qaama miidhamtootaf Wiilcharoota arjooman

Finfinnee, Fulbaana 1, 2013 (FBC) – Itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Wilcharoota 300 qaama miidhamtootaf arjooman.
 
Aadde Adaanach kabaja ayyaana bara haaraa sababeeffachuun Wilcharoota Dhaabbata Afrikaa Foor Intarnaashinaal Fand jedhamurraa argame qaama miidhamtootaf arjoomaniiru.
 
Hooloota ayyaana itti oolanis kennaan laataniiru.
 
Qaama miidhamtoota sababa garaagaraan gara daandirratti kufan kunuunsuu fi deeggaruun ga’ee qaama hundaati jedhan.
 
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee rakkoo diinagdee fi hawaasummaa qaama miidhamtootaa furuuf xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhan.
 
Qaama miidhamtoonni ogummaa garaagaraan yoo hojjetan qixa qaama guutuu bu’aa qabeessa ta’uu danda’u jedhan Itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee.
 
Sirna deeggarsaa kanarratti aanga’oonni mootummaa olaanoon garaagaraa argamuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalicharra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.