Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanachi kennaa Ayyaanaa maanguddootaf laatan

Finfinnee, Qaammee 1, 2012 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee giddugala maanguddootaa Aqaaqii Qaallittiitti argamuun kennaa ayyaanaa kennan.
 
Giddugalichi bara 1962 kan hundeeffame yoo ta’u, yeroo ammaa maanguddoota 170f tajaajila guutuu laataa jira.
 
Bulchiinsi magaalichaa maanguddoonni hanga biyyaaf gatii kaffalaanii fi biyya ijaaruuf dhaman yeroo barbaachisaa fi karaa sirriin oolmaa isaanii deebisuu dhabuuf aadde Adaanachi dhiifama gaafataniiru.
 
Walkabajuu, waldanda’uu, waliin jiraachuu fi biyyaaf tokkummaan dhaabbachuu dhaloonni ammaa maanguddoota kanneenirraa barachuu qabu jedhan.
 
Aadde Adaanachi, Hooloota 5, Qotiyyoota 2, uffata qorraa 86, Zayta liitira 50, Saamunaa 200, Saaniitaayzara 150, haguuggii fuulaa 200, xaafii kuntaala 10, fi meeshaalee mana keessaa biroo maanguddoota kanniif gumaachaniiru.
 
Daawwannaa kanarratti aadde Adaanachi dabalatee hoggantoonni olaanoon argamuu isaanii ragaan Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Oduu walfakkaatuun aadde Adaanachi Abeebee galgala kana Proojaktii addabaabayii Masqalaa daawwataniiru.

Proojaktiin kun kabaja ayyaanaa daamaraaf qaqqabuu akka danda’u eerrameera.

Proojaktichi yeroo kaa’ameef keessatti akka xumuramuuf xiyyeeffaannon hojjetmuu akka qabu yaadachiisaniiru.

 

 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.