Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebee raawwii karooraa guyyoota 90 Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee raawwii karooraa guyyota 90 Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa daawwatan.

Aadde Adaanech daawwannaa isaaniin karoora guyyoota 90’n fooyya’iinsa tajaajilaa, bulchiinsa gaarii, qonnaa magaalaa, manneen jireenyaa hawaasaa sadarkaan gadaanaa giddugaleeffatanii ijaaramaa jiranii fi pirojektoota biroo hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwanna isaaniin hojiileen kunneen akkataa karoora qabameen gaggeeffamaa jiraachuu hubachuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.