Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanechi hojii manneen kuma 3 fi 200 deebisanii ijaaruu eegalchiisan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen tola ooltummaan hojii jireenya lammiilee fooyyessuu fi manneen kuma 3 fi 200 deebisanii ijaaruu Kutaa Magaalaa Addisitti eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanech gama miidiiya hawaasummaa isaaniin, tola ooltummaa Gannaan hojiilee jiraattota fayyadamtoota taasisan hedduun hojjetamuu yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan lammiilee harka qalleeyyii fi biyyaaf oolmaa oolaniif ijaarsa manneen kuma 3 fi 500 gaggeeffamuu, lammiilee walakkaa miiliyoonaa ta’aniif maaddii qooduu, pirojektoota dhiibbaa jireenyaa salphisan deeggaruu fi bu’aa qabeesummaa ijaarsa dhalootaa hojiilee mirkaneessan gaggeeffamuu ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa hojiilee gaggeeffaman kanneen tumsan galateeffatanii, abbootiin qabeenyaa biroo fi jiraattonni hojii kanarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.