Fana: At a Speed of Life!

Aadde Caaltuu Saaniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ingilizii waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera  Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ingilizii Alaastaar Maakfaayiil waliin mari’ataniiru.

Rakkoolee hojii dhabdummaa magaalaarratti muul’atan, hanqina mana jireenyaa fi nageenya irratti sochii gama maraan mootummaan taasisaa jirurratti mari’achuu ibsameera.

Mootummaan karoora waggaa 10 maagaalota irratti qabatee gara hojiitti hiikuuf sochii taasisu Mootummaan Ingiliiz  kan deeggaran ta’uu Ambaasaaddar Alaastaar Maakfaayiil ibsuu isaanii ragaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.