Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufaariyaat Kaamiil Ityoophiyaatti Ambaasaadar Ameerikaa waliin marii’atan

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014(FBC)- Ministirri Ministeeraa Nageenyaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil Ityoophiyaatti Ambaasaadar Ameerikaa  Geeta Paasii fi Ityoophiyaatti Daayreektara dhaabbata gargaarsa Shoon Joonsan  Waliin Marii’atan.

Mariichi gocha badii fareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Affaar irratti raawwateen lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an haala deebisanii dhaabuu fi furmaata hatattamaa kennuun danda’amurratti ta’uu ibsameera.

Yeroo ammaa kana naannolee biyyatti keessatti lammiilee yeroof qubatanii jiran dabalataan kanneen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa fagaatanii jiran deeggaruuf hojiin gama mootummaan hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis deeggarsi namoomaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa kan cimee kan itti fufu ta’uu addeessaniiru.

Ambaasaddar Paas gama isaaniin tattaaffii taasifamaa jiru kan hordofan ta’uu ibsuun, mootummaa fi Uummatoonni Ameerikaa hariiroo baroota dheeraa Ityoophiyaa waliin qaban cimee kan itti kan fufuu ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.