Fana: At a Speed of Life!

Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan hojiilee misoomaa Magaalaa Jimmaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC) – Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan hojiilee misoomaa Magaalaa Jimmaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa hojiiwwan inisheetiivii qonna magaalaa hojjetamaa jiranii fi pirojektoota daawwachiisanii, kallattii mootummaan kaa’een tarkaanfiiwwan haaraa hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalaa Jimmaatti hojiilee fakkeenyummaa gaarii qaban hojjetamuu daawwannaa taasiisaniin hubachuu Aadde Sa’aadaan ibsaniiru.

Hawaasni diinagdeen of utubuu irratti cimee hojjechuu akka qabu dhaamuu ragaan Waajjira Kominikeeshiniin Magaalaa Jimmaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.