Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Dodolaatti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 15 darbe

Finfinnee, Ebla 5, 2016 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 15 darbuu ibsame.

Konkolaataan daddeebisa ummataa konkolaataa fe’uumsaa Siinootirak jedhamu waliin walitti bu’uun balaa kana qaqqabsiisuu Qajeelcha Poolisii Godinichaatti Itti Gaafatamaan Kutaa Ittisaa fi Too’annoo Balaa Tiraafikaa Komaandar Kamaal Amaan ibsaniiru.

Balaan kanaan imaltootni miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan irra gahe Hospitaalota Dodolaa fi Madda Walaabuutti yaalamaa jiraachuu dubbataniiru

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.