Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Heeban Arsiitti dargaggoonni miseensoota Shanee waliin hidhata qaban gochaa raawwataa turaniif uummata dhiifama gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)-Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsiitti dargaggoonni miseensoota Shanee waliin hidhata qaban gochaa raawwataa turaniif uummata dhiifama gaafataniiru.

Aanichatti dargaggoonni miseensoota ABO Shanee waliin hidhata qaban 33 gandoota 7 irraa  gocha raawwataa turaniin gaabbuun guyyaa har’aa ummata dhiifama gaafatanii ummatatti deebi’an.

Dargaggoonni kunniin gareen shororkeessitoota ABUT fi ABO Shaneen waliigaluun uumaataa fi  biyyarratti waraanaa banuun gonkumaa kan isaaniif hin liqimfamne ta’uudha kan dubbatan.

Wayyaanee waliin qindoomina uumnee biyya waraanuun lafee gootota Oromoo ummata Oromoof ofii isaanii kennanii aarsaa kaffalan irra ejjachuudha waan ta’ee fi kan gaabbii nu keessatti uumee dhiifama gaafannee akka ummata keenyatti deebinu kan nu taasisee kana jedhaniiru.

Bulchaa Itti Aanaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahmad Haajii dargaggoonni qabsoo Oromoo hubatan kaayyoo badii diinaarraa ummatatti makamaa jiru jedhan.

Kanneen bosona keessa jiranis isaan fedhii ummatasaanii hubatanii deebi’an fakkeenya godhachuudhaan ummatasaaniitti akka makaman hubachiisaniiru.

Waamicha nagaa ummatasaanii didanii kanneen gocha badii diinaa raaawwachuuf jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru kan itti fufu ta’uus dubbatanii jiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.