Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Sokorruutti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Godina Jimma Aanaa Sokorruu Ganda Abbaaltiitti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbuun ibsame.
Konkolaataan deddeebisa ummataa har’a ganama Jimmarraa garaa magaalaa Walqixxeetti imalaa ture garagaluun lubbuun namoota 3 yoo darbu, namoota 7 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu Qajeelcha Poolisii Godina Jimmaatti Diviizhiiniin Kutaa Nageenya Tiraafikaa Gargaaraan Inispeektaraa Jiraataa Addunyaan himaniru.
Tasfaahun Kabbadaatu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.