Fana: At a Speed of Life!

Abbaa warraa fi Haadha Warraa bara jireenya isaanii hafe Doonii miidhagaa bashannanaa jiraachuuf qabeenya isaanii hunda gurguran

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC) – Jiraattoota Filooriidaa kan turan Abbaa Warraa fi Haatii warraa waggaa 3 dura bara jireenya isaanii hafe Dooniin addunyaa naanna’aa jiraachuuf hojii isaanii dabalatee qabeenya isaanii hunda gurguruu ibsameera.

Haati warraa Meeloodii jedhamti, abbaan warraa ammoo Joon jedhama.

Cimdiiwwan kunneen qabeenya isaanii gurguruun mana socho’aa bitanis, abbaan warraa ishee Joon maanguddaa umrii waggaa 76 yoo ta’uu, mana konkolaataa kana oofuu hin dandeenye jedhame.

Jireenya isaanii dhaabbiin imala Galaanarraa taasiifatan.

Awustiraaliyaa, Niwuuzlaandii fi Kibba Paasifikii dabalatee yeroo dheeraaf Dooniin galaanarra imalaniiru.

Jireenyi haaraan kun daraan gammachiisaa ta’uu eeruuun, gatiin isaa daraan salphaa ta’uun ammoo caalmaatti jireenya jaalatamaa fi gammachiisaa isaaniif taaiisuu ni dubbatu.

Wayita naannawaa qarqara Galaanaa deeman kaffaltii Bilbilaa, Doonii fi kaardii Kireeditii muraasan ala kaffaltiin kan hin jirre ta’uu Joon ni dubbata.

Wanti isaan dhiphisu tokkooyyuu kan hin jirre ta’uu cimdiiwwan kunneen eeraniiru.

Yeroo dacheerra jiraataa turanirra baasiin isaanii walakkaan hir’isuu himaniiru.

Rakkoon Meeloodii fi Joon inni guddaan baay’inaan nyaachuu fi dhuguu qofa ta’uu himaniiru.

Dhiibbaa gama kanaan dhufu hir’isuuf wayita Buufata Doonii ga’an guyyaan hanga Kiiloo Meetira 8 imala miilaa taasiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Meeloodiin ‘Nuti namoota bishaanirra jiraannudha, hundi keenya Bidiruu oofuu ni dandeenya, Galaanarra jiraachuun daraan gammachiisaadha’ jechuun dubbachuu ishee Sky News gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.