Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Malaammaltoota irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu Ibse

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa baatiiwwan sadan darbanitti namoota kuma 1fi 321 irratti himata malammaltummaa banuun murtoo kennisiisuu ibse.

Hogganaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsa kennaniin, adabbiin waggaa tokkoofi ji’a jaahaa hanga waggoota 16 darbuu himaniiru.

Namoota himanni irratti baname keessaa namoonni 152 qofti hanga ammaatti too’annoo jala kan hin oolle ta’uu eeran.

Gama biraan lafti heektaarri kumni dhibbi 2fi kumni 30, Birrii miiliyoonni 70 ol, konkolaattonni 3 fi manneen 3’n mootummaaf deebi’uu ibsaniiru.

Gama biraatiin lafa karee meetira kuma 289, Birrii miiliyoona 67 fi manneen dabalatee dhimmoonni 285 qoratamaa jiraachuu eeruu ragaan waajjira Pireezidaantii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Dhumarrattis, ummanni shakkamtoota eeruu, saaxiluufi kan dhokatan dabarsee kennuun akka hirmaata dhaamsa dabarsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.