Fana: At a Speed of Life!

Abbaan qabeenyaa daldala waliin dhahuuf yaale saaxilummaa hojjettootaan harkaa harkaatti to’atame

Finfinnee,Waxabajjii 21, 2012 (FBC) –  Hojjettoota komishinii gumuruukaaf matta’aa Birrii 200,000 kennuuf abbaan qabeenyaa daldala waliin dhahuuf yaale saaxilummaa hojjettootaan harkaa harkaatti to’atame.

 

Maqaa fichisiisa Yaaddessaa Dheeressaan lakkoofsa diikilaaraasiyoon 8-147/20 guyyaa  Faranjoota 11/01/20 kan galmaa’e meeshaa tiraanziitii qaxxaamura biyyaa wabii meeshichaaf Birrii 4,370,000 qabsiisuun Matahaaraa Burbeen gara Sudaan Kibbaa akka imaluuf guyyaa Faranjoota 31/01/2010 eeyyamni tiraanziitii kan laatameef yoo ta’ullee, biyyarraa ni ba’u jedhamee konkolaatoonni 2 tiraanziitiirra turan meeshaan fe’ame otuu hin bahiin kan turee fi fechisiisichi karaa seeraan alaan meeshicha otuu  hin baasiin akka ba’ee fakkeessuun mirkaaneessi akka barraa’uuf yaalii taasiseera.

 

 

Gocha seeraan alaa kanaan walqabatee odeeffannoo komishinicha qaqqabuun hordoffiirra turuun guyyaa kaleessaa 20/10/12 wabii abbaan meeshaa qabsiise Birrii 4,370,000 akka deebi’uu fi meeshaan otuu biyyaa hin bahiin akka ba’eetti mirkaneessa argachuuf yaalii taasise hordoffii cimaa taasisaa kan turaan ogeessoonni intalijansii komishinichaa namni kun mata’aa laachuuf Birrii Kuma 200 waliinii fi isa waliin gochicha qindeessaa kan ture obbo Abdulqaadir Zeeynuu magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Boolee naannoo Alam Sinimaatti to’atamuun dhimmi isaanii qorannoorra jiraachu ragaan Ministeerra Galiiwwanii irraa argame ni muldhisa.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.