Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayitichaa odeeffannoo sobaa fi haasawaa jibbiinsaa dhaabuuf Faanaa waliin qindoominaan ni hojjeta-Obbo Mahaammad Indiriis

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa odeeffannoo sobaa fi haasawaa jibbiinsaa dhaabuuf Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin qindoominaan ni hojjeta jedhan Dayrektarrii Olaanaa Abbaa taayitichaa Obbo Mahaammad Indiriis.

Obbo Mahaammad Indiriis Sirna eebbaa istuudiyoo FBC irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoopiyaa, miidiyaaleen babal’achuun cinaatti hangam akka biyya kabajan kan ilaaluu ta’uu himan.

Kabajni biyyaa heera biyyaa kabajuu ta’uu eeruun gama kanaan Faanaan fakkeenyummaan kan eeramudha jedhan.

Teeknooloojiin guddachuun walqabatee duulli odeeffannoo sobaa fi haasawaa jibbiinsaan biyyaa diiguu akka mul’atu ibsanii, kana dhaabuun kan danda’amus odeeffannoo sirrii saffisaan qaqqabsiisuun ta’uu himan.

Faanaadhaan yeroo maraa waan haaraa arguun kan baratame ta’uu eeruun, imala dheeraa eeggatuufis waloon hojjechuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Feeven Bishaawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.