Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayitichaa Piroojaktoota daandii 36 fi riqaalee 79 hojjechuuf karoorfate

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Daandiiwanii Oromiyaa piroojaktoota daandii 36 fi riqaalee 79 hojjechuuf karoorfateera.
Piroojaktichi Birrii biliyoona 3.6n hojjechuuf karoorfamedha.
Abbaan taayitaa daandiiwwanii Oromiyaa raawwii pirojektootaa bara kanaa hanga ammaa jiru kontiraaktarootaafi gorsitoota waliin gamaggamaa jira.
Gamaggama kanarratti Hoogganaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa Injinar Dajanee Fiqaaduu Kaayyoon gamaggamichaa,pirojektoota bara kana raawwachuuf karoorfaman hangam akka raawwaraman ilaalu,kan bara kan xumuramuu danda’an adda baasun deeggarsa barbaachisu taasisuufi rakkoowwan jiran adda baasuun abbaa itti godhachuufi jedhaniiru.
Abbaan taayitichaa Bara kana Birrii biliyoonii 3.6 Pirojektoota daandii 36 fi riqaalee 79 hojjechuuf kan karoorfamaniifi hedduun isaanii baruma kana kan xumuramuu danda’an ta’uu isaa Injinar Dajaneen dubbataniiru.
Piroojaktoota xumuramuu hin dandeenyeefi harkifatan sababasaa adda baasuun abbaa itti godhachuun itti gaafatamummaa isaa fudhachuun akka xumuraman ni taasifamaas jedhaniiru.
Pirojektii eegaluu qofa otuu hin ta’in yeroo qabame keessatti baasii xiqqaadhaan qulqullinaan xumuramuu akka qabanis himaniiru.
Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseetti; Kontiraaktaroonni gabaasa dhiyeessan qabaamaa taasisuu akka qabanis Injinar Dajjaneen eeraniiru.
Bu’uruma kanaan kontiraaktaroonni piroojaktoota hojjechaa jiran ilaalchisee gabaasa dhiyeessaa jiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.