Fana: At a Speed of Life!

Abbootii qabeenyaa idil addunyaa waliin haala nageenyaarratti mari’atame

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Abbootii qabeenyaa idil addunyaa hojiilee Invastimantii garaagaraa irratti bobba’an waliin haala nageenyaarratti mariin taasifameera.
Naannoo hojii invastimantiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf mootummaan abbootii qabeenyaa waliin haala itti fufiinsaan hojjechuun danda’amurratti xiyyeeffachuun mari’atamuu himameera.
Mootumman invastimantii alaaf xiyyeeffannoo olaanaa laachuun kan hojjetu ta’uu Ministeera Nageenyaatti Ministir Deettaan damee olaantummaa seeraa kabachiisuu aadde Firee’alam Shibaabbaw ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa sodaa nageenyaa malee gara hojiitti akka galan mootummaan xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
Abbootiin qabeenyaa idil addunyaa maricharratti hirmatanis nageenyaa fi tasgabbiirratti mootummaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.