Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa 269 Kaappitaala Doolaara biiliyoona 3.4 galmeessan eeyyama fudhachuun hojii eegalan

Finfinnee, Hagayya 1, 2015 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa 269 Kaappitaala Doolaara biiliyoona 3.4 galmeessan eeyyama Invastimantii fudhachuun hojii eegaluu Komishiniin Invastimantii beeksiise.

Komishinichi raawwii hojii bara 2015 Ministeera Pilaanii fi Misoomaaf dhiyeessuun gamaaggamsiiseera.

Dameewwan Qonnaa, Oomishaa, Indaastirii, Albuudaa fi Teeknooloojii Odeeffannoon abbootiin qabeenyaa bal’inaan hirmaachaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Invastimantii Lalisee Nameen ibsaniiru.

Bara baajataa xumurame abbootii qabeenyaa Kaappitaala Doolaara biiliyoona 1.6 qaban waliin waliigalteen mallattaa’uu eeraniiru.

Damee Maanuufaakcheriin Piroojektoonni 71, tajaajilaan piroojektoonni 22 fi Qonnaan 1 hojii eegaluu kaasaniiru.

Piroojektoonni kunneen oomisha Doolaara Biiliyoona 148.3 baasaan alatti erguu dubbachuu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.