Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Jeno’aa Ityoophiyatti damee inarjii fi oomisha ililiirratti boba’uuf fedhii argisiisan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Jeno’aa Ityoophiyatti damee anniisaa haareffamaa fi oomisha ililiirratti boba’uuf fedhii qabaachuu beeksisan.

Xaaliyaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dammituu Hambisaan bulchiinsa Jeno’aatti hoggantoota indaastiriiwwan garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Ambaasaaddar Dammituun haala mijataa invastimantii fi carraalee gabaa Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Hojmaataa fi seera invastimantii alaa irrattis ibsa kan kennan yoo ta’u, gaaffiilee hirmaattotarraa ka’aniif deebii kennaniiru.

Waltajjicha Bakka Bu’oonni Waldaa Indaastirii Bulchiinsa Jeno’aa, Ityoophiyatti hojmaata shaariikummaan damee anniisaa haareffamaa, oomisha ililii fi agiroo-indaastiriirratti bobba’uuf fedhii argisiisuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

Fuuldurattis, waltajjii buna Ityoophiyaa beeksisuu akka gaggeessaan eeranii, saganticharratti Ityoophiyanonni bobba’an akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.