Fana: At a Speed of Life!

Abjuu osoo hin dhugoomin hafe, imala Shaambiyoonsi Liigii Awurooppaa Niwuukaastiil

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC) – Waggaa 20 booda gara Shaampyoonsi Liigiitti kan deebi’e Niwuukaastil, morkataa isaa AC miilaaniin 2-1n mo’amee dorgommichaan ala ta’eera.

Niwuukaastil muuxannoo dhabuu fi taphattootni isaanii hedduun jalaa miidhamuun qabxii barbaadu akka hin arganne isa taasiseera.

Niwuukaastil wayita PSG 4-1n mo’ate ramaddii kanarraa darbuun isaa shakkii hin qabu ture.

Tapha dhumaan injifatamuun isaa ammoo hirmaannaa Liigii Awurooppaa illee akka hin arganne isa taasiseera.

Ramadicharraa PSG fi Boorushiyaa Doortimondi yoo darban AC Miilaan Awurooppaa Liigii galeera.

Ramaddiin Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Mudde 18 bara 2023, Iswiizerlaanditti baha.

Kilabootni sadarkaa1ffaan xumuran kanneen 2ffaan xumuran waliin ramadamu.

Warri xuwwee carraan buufamu keessa kaa’aman Arsenaal, Atileetikoo Maadirid, Riyaal Maadirid, Baayern Munik, Maanchsiter Siitii,Baarseloonaa, Boorushiyaa Doortimondi fi Riyaal Sosedad tahu.

Kilaboonni biyya tokko keessa jiran waliin hin ramadaman.

Taphni marsaa jalqabaa Bara Faranjootaa Guraandhala 13-14 akkasumas 20-21 bara 2024 kan taphataman ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.