Fana: At a Speed of Life!

Abudaabitti Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 14.3 deeggarsan laatame

Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC)- Abudaabitti Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 14.3 deeggarsan laatameera.

Lammileen Ityoophiyaa Abudaabii jiraatan gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 14.3 walitti qabaniiru.

Waldaan Hawaasa Lammilee Itiyoophiyaa Abudaabii jiraatanii haala yeroo irratti mari’ateera.

Marii kanarratti Ambaasaaddar Sulemaan Daddafoo haala yeroo Ityoophiyaa ilaalichisuun haasaa taasisaniin Ityoophiyaa biyya keenya diiguun uummata keenya bittimsuuf diinoonni alaa fi keessaa karoorfatanii lola nurratti bananiin uummataa fi mootummaa qora jiru jedhaniiru.

Birmadummaa biyya keenya eegsisuuf, akkasumas badiirraa hambisuuf lammileen Ityoophiyaa fi dhalootan Ityoophiyaa ta’an walta’anii hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamuus kallatti hundaan cimee itti fufuu akka qabu Ambaasaaddar Suleemaan yaadachisaniiru.

Kana keessatti waldaan hawaasa Ityoophiyaa Abudaabii jiru gahee olaanaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan Waldaan Hawaasa Ityoophiyaa Abudaabii marii haala yeroo irratti taasiseen tarkaanfii Rayyaan Ittisa Biyyaa garee shororkeessaa irratti fudhachaa jiru dinqisiifachuun deeggarsaa Raayyichaaf oluu Birrii miiliyoona 6.5 kennuuf murteessera.

Haaluma wal fakkaatuun Waldaan Hawaasa Ityoophiyaa Dubaayii fi Kaabaa Emmireetoota marii taasisuun Birrii miiliyoona 6.5 deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa kennuuf murteessera.

Dippilomaatoonni Abudaabii jiraatanis Raayyaa Ittisa biyyaaf Birrii miiliyoona 1.3 deeggarsa taasisaniiru jedhameera.

Maddi:-Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimmaa Alaarraa

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.