Fana: At a Speed of Life!

ABUT weerara damee indaastiriwwan irratti raawwateen qabeenyi Birrii biiliyoona 3.1 olitti tilamamamu barbaadaa’u ibsame

Finfinnee, Amajjii 15, 2014 (FBC)- Gareen Shororkeessa ABUT weerara damee indaastiriwwan olaanoo fi gidduugaleessa qofa irratti raawwateen qabeenya Birrii biiliyoona 3.1 olitti tilamamamuu barbaadaa’u Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal himan.

Ministeerichi proojektoota invaastimaantii garee kanaan Naannoo Baha Amaaraatti barbaadaa’an gara hojiitti deebisuuf marii Magaalaa Dasseetti taasifame irratti obbo Malaakuu Allebal haasaa taasisaniin,Ministeerichi weerara gareen kun qaqqabsiise booda qorannoo taasiseen miidhaa qaqqabee qorachuu himaniiru.

Akkasumas obbo Malaakuun, Gareen Shororkeessa ABUT weerara damee indaastiriiwwan olaanoo fi gidduugaleessa qofa irratti taasiseen qabeenya Birrii biiiliyoona 3.1 olitti tilamamamuu barbaadeessuus himaniiru.

Waltaajjicha irrattis Preezdaantiin Mootummaan Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa gama isaaniin mootummaan naannichaa sababa waraannichaan naannawaa miidhamaan hojii deebisaanii ijaaruu sochii irraa jiraachuu himaniiru.

Marii waltajjii kanarrattis gorsaan Nageenya Biyyaaleessa Ministira Muummee Obbo Gadduu Andaargaachoo dabalatee hoggantoonni Federaalaafi Naannoolee irratti argamaaniirus jedhameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.