Fana: At a Speed of Life!

ABUT yaa’ii waliigalaa waame

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Addi Bilisummaa Ummata Tigraay(ABUT) yaa’ii waliigalaa waame.

Addichi yaa’ii dhaabbattummaasaa booru Muddee 25 fi iftaan Muddee 26,2012 kan gaggeessu ta’uu beeksiseera.

Yaa’iin dhaabbattummaa kun magaalaa Maqaleetti taa’ama.

Walitti makamuu ADWUI ilaalchisee mari’atee murtee ni dabarsaan eegama.

Koreen Giddugaleessaa ABUT kaleessa ibsa laaten akka beeksisetti, yaa’ii ariifachiisichaaf koree qopheessituu hundeessuun qophii taasisaa turuu eerera.

Yaa’ii kanarratti bakka buutonni addichaa, abbootiin amantaa, hayyoonni, bakka buutonni qaamolee hawaasaa fi keessummoonni affeerraman ni hirmaatun eegama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.