Fana: At a Speed of Life!

Adaamaatti Hidha Guddichaaf boondiin Birrii miiliyoona 33 ol bitame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) Guyyoota afur keessatti deeggarsa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf boondiin Birrii miiliyoona 33 fi kuma 400 olii bitamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Adaama Obbo Hayiluu Jaldee eeran.
Bulchiinsi magaalichaa Waancaa Hidha Guddicha Haaromsaa Ityoophiyaa marsaa 2ffaa simachuun isaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan deeggarsa hidhichaaf boondii Birrii miiliyoona 20 bituuf karoorfamee, bittaan bondii Birrii miiliyoona 33 fi kuma 400 ol gaggeeffamuu Obbo Haayiluun himaniiru.
Waancaan Hidhaa Haaromsaa gara Godina Arsiitti geggeeffameera.
Jamaal Gandootu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.