Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 37 caaluu ibsame

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 37 caaluu ibsame.
 
Erga weerarri vaayrasii koroonaa muul’ate hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 37 fi kumni dhibbi 1 fi kumni 75 fi 477 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Namoonni miiliyoonni 1 fi kumni 73 fi 673 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Akka ragaan ‘Woorlidoomeetirs’ irraa argame muul’isutti namoonni miiliyoonni 27 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 29 fi 463 dhibicharraa kan dandamatan yoo ta’u, namoonni miiliyoonni 8 fi kumni dhibbi 1 fi kumni 3 fi 829 ammoo yaalarratti argamu.
 
Namoonni kumni 68 fi 512 hordoffii wallaansa cimaa keessatti aragmu.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.