Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa lammiilee Saa’uud Arabiyaarraa deebi’an simannaarraa hanga deebisanii dhaabuu jiru milkeessuuf qophii ga’aan taasifamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Adeemsa lammiilee Saa’uud Arabiyaarraa deebi’an simannaarraa hanga deebisanii dhaabuu jiru milkeessuuf qophii ga’aan taasifamuun gara hojiitti galamuu Koreen biyyaalessaa Simannaa godaantotaa beeksise.

Hojiilee dippiloomaasii garaagaraa hojjechuun lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti rakkachaa turan gara biyyaa deebisuun eegalamuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoo ibsaniiru.

Baatiiwwan 1 keessatti lammiilee kuma 102 ol gara biyyaatti deebisuuf karoorfatamuu fi guyyaa har’aa marsaa jalqabaan Ityoophiyaanonni 500 siqan Finfinnee galuu eeraniiru.

Hanga ammaatti lammiileen kumni 40 ol gara biyyaatti deebi’uuf galmaa’uu fi godaantota gara qe’eesaaniitti deebisuuf naannolee wajjiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu fi magaalaa Finfinneetti iddoon tursiisa yeroo qophaa’uu kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen gamasaaniingodaantota kanneen deebisanii dhaabuuf qophiin taasifamuu ibsuun maanguddoota, dubartootaa fi daa’immanniif dursi kan kennamu ta’uu himaniiru.

Ittaantuun daayrektara tajaajila godaantotaa fi godaansarraa deebi’anii aadde Xayibaa Hasan gamasaaniin  lammiileen kunneen rakkoof akka hin saaxilamneef dhaabbilee dhimmamtootaa 16 waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Bakka tursiisa yerootti lammiilee kanneeniif nyaanni, uffannii fi meeshaaleen garaagaraa qophaa’uufii Ittaanaan Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa obbo Nasiibuu Yaasiin dubbataniiru.

Ministeerri Fayyaa lammiilee godaansarraa deebi’aniif tajaajila yaala fayyaa waliin gahuuf Biiroo Eegumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee fi dhaabbilee biro waliin qophii taasisuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Sahaarlaa Abdullaahii ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.