Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi baruu fi barsiisuu naga qabeessi akka jiraatuuf qophii taasisaa jiraachuu Yuunivasitiiwwan Jimmaa Hawaasaa fi Baahir Daar beeksisaan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) -Adeemsi baruu fi barsiisuu naga qabeessi akka jiraatuuf qophii taasisaa jiraachuu Yuunivasitiiwwan Jimmaa Hawaasaa fi Baahir Daar beeksisaan.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiingii waliin turtii kan taasisaan hoggantoonni Yuunivarsiitii Jimmaa, Hawaasaa fi Baahiir Daar baratoonni gara barnootaatti wayita deebi’an wantoonni barnoota isaaniitti gufuu ta’u akka hin jiraannef qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Preezdaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa barattoonni wayita gara barnootaa isaanitti deebi’a waa’ee boruu isaanii yaaduu qabu jedhan.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu barattoonni nagaan barnoota isaanii akka hordofaniif tumsuu qabu jedhaniiru.

Itti Aanaa Preezdaantii Yuunivarsiitii Baahiir Daar Dooktar Isseey Kabbadaa barattoota simaachuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsuun qaamoolee nageenyaa jalqabee jaarsoolii biyyaa, hawaasa naannoo fi mooraa, hoggantoota bulchiinsa naannoo fi magaalaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Preezdaantiin Yuunivarsiitii hawaasaa Dooktar Ayyaanoo Barasoo nageenya barattootaa eeguuf cimsinee hojjechaa jirra jedhaniiru.

Rakkinoonni yoo jiraatanillee karaa nagaa qabeessaan furuuf imaanaa maatii barattootaa ba’uuf xiyyeeffannaa kennanii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.