Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi Itiyoophiyaa badhaate dhalootatti ceesisuu cimee itti fufa-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC)- Adeemsi Itiyoophiyaa badhaatee fi biyya hinkadhanne dhalootatti dabarsuu cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad hiriira deeggarsaa mootumma jijjiiramaa Magaalaa Walqixxeetti gaggeeffamerratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Dooktar Abiy akka jedhanitti Hawaasni Guraagee Waadaa “Googoo”tin waa’ee tokkummaa kan barsiisee fi itti jiraate ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni kunis Tokkummaan Humna ta’uutti kan amanu, tokkommaan badhaadhinni akka argamu kan hubatuudha jedhan.

Kanneen Itiyoophiyaa diiguuf yaadotaa qoqqoodoo ta’an facaasanis ummataa tokkummaan humna ta’uutti amanee jiraatu ummata Guraageerraa barachuu qabas jedhaniiru.

Itiyoophiyaanonni afaan, aadaa, calaqqeewwan eenyummaa hedduu kan qaban yoo ta’u garaagarummaan kun garuu Itiyoophiyaa kan qoqqooduu fi adda fageessu ta’uu akka hinqabne hubachiisaniiru.

Waa’ee waloomaa fi tokkumma barachuuf aadaa Guraagee hubachuu barbaachisaa ta’uu kan akeekan Dooktar Abiy tokkummaan Guraagee Itiyoophiyaaf fakkeenyaa ta’uu danda’eera jedhan.

Guraageen Ummataa Birmadummaan humnaan daangaa biyyaa eeguu qofaan akka hintaane, diinagdeen, daldalaa, qusannaan birmadummaa mirkaneesse ta’uus kaasaniiru.

Itiyoophiyaa badhaatee fi fakkeenya Afrikaa taate ceesisuuf carraaqqii olaanaan taasifamaa akka jiru kaasanii ummanni Guraagees Itiyoophiyaan akka hindiigame, ijaarsa isheerratti tumsa akka taasisu gaafataniiru.

Akkasumas yeroo gabaabaa keessatti Finfinnee akkuma maqaa ishee miidhagduu fi fakkeenya Afriikaa taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran akka tumsan, misooma qonnaan bu’aalee argaman akka ittifufsiisan gahee gama isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Itiyoophiyaanonni ergaawwan gaddaa, yaadota qoqqoodoo ta’an wayita dhaga’an hubannoon socho’uu qabu kan jedhan Dooktar Abiy, seenessiin waloo akka dagaguuf waloon haa dhaabbannu jechuun dhaamaniiru.

Itiyoophiyaanota bosonaa fi bakkeewwan biroo jiranis humna ergan, kan isaaniif kaffalan caalaa, Itiyoophiyaan akka caaltu eeruun, tokkummaa, nageenyaa fi badhaadhinaaf waloon haa dhaabbanu jedhaniiru.

Imala nageenyaa, badhadhinaa, dhifamaarraa duubatti kan deebisuu humni tokkoyyuu hinjiru jedhanii adeemsi Itiyoophiyaa badhaatee fi biyya hinkadhanne dhalootatti dabarsuu cimee kan itti fufu ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.