Fana: At a Speed of Life!

Adwaan ijaarsa lammiilee fi sirna waloo ijaaruu kan dhugoomse ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC) – Gumiin balal marsaa 36ffaan injifannoo Adwaa ijaarsa seenessa waloof mata duree jedhuun Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Maricharratti qorannoo kan dhiyeessan Yuunivarsiitii Finfinneetti Kaadhimamaan PhD Shimallis Hayiluun, Adwaan ijaarsa lammiilee fi sirna waloo ijaaruu kan dhugoomse ta’uu eeraniiru.

Adwaan seenessa walooti kan jedhamuuf, lammiileen biyyattii garaagarummaa haa qabataniyyuu malee, Adwaa irratti ilaalcha wal fakkaataa qabaachuun tokkummaan qabsaa’uu dubbataniiru.

Adwaan bulchiinsi bittinnaa’e gara hooggansa tokkootti akka dhufuuf bu’ura ta’uu kaasaniiru.

Jeneraalonni Oromoo kanneen akka Gabayyoo Gurmuu Hooggansa tarsiimoowaan Oromoon Faradoon lolee faranjii akka jilbeenfachiisuuf ga’ee guddaa taphachuu ibsaniiru.

Dinqaa Baacaa fi Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.