Fana: At a Speed of Life!

Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Guraandhala 23, 2016 (FBC) – Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduraahmaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Injifannoon Adwaa Siidaa Tokkummaafi dirree obbolummaan dhugaa ummattoota Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Adwaan injifannoo gurraachonni Afriikaa yeroo jalqabaaf ummata adii irratti gonfatanidha.

Injifannoon gootota qaqqaalii saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaan argame kun, Ardii Awurooppaanotaa keessatti naasuufi rifaatuu guddaa kan uume yommuu ta’u, Afriikaanotaaf ammoo diddaa gabrummaa finiinsuun, kallacha qabsoo bilisummaa isaaniif boqonnaa haaraa kan tattaraare ture.

Injifannoo kanaan, Itiyoophiyaan xurree bilisummaa Afriikaanotaaf Baha Afriikaarraa wayita ibsitu, hanga ammaatti dirree bilisummaa, walabummaafi birmadummaan itti mirkanaa’e taatee fakkeenyummaa olaanaa Afriikaanotaaf qabduun yaadatamaa jiraatti.

Dhaloonni kaleessaa jaalalaafi kabajaa biyya isaaf qabu tokkicha lubbuu isaan wareeguun biyya tiksuun ceessisuu kan irraa baranne, keessaahuu, akka sabaatti gootonni Oromoo wareegama qaalii injifannoo kana galmeessuu keessatti kaffalaniin qoodni ijaarsa biyyaa keessatti qabnu kan tilmaamnuun ol ta’uusaa kan hubachiisuufi qixa kanaan gahee keenya akka bahannuuf kan nu onnachiisudha.

Wareegama qaalii dhaloonni kaleessaa tokkummaan hiriiree injifannoo nu dhaalchiseef kabajaafi jaalala guddaa isaaniif qabnu ibsaa, nutimmoo, biyya abboonni keenya dhiigaafi lafee isaaniin utubanii tiksanii nuun gahan kana dhaloota boruuf ceessisuuf, gahee dhaloonni har’aa bahachuu qabu bahachuudhaaf qooda keenya lakkoofnee fudhachuun warra seenaa qooddatu haa taanu.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.