Fana: At a Speed of Life!

Afgaaniistaaniitti dhoo’iinsa konkolaatarratti qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbe

Finfinnee, Adoolessa 24, 2012 (FBC) – Afgaaniistaaniitti dhoo’iinsa konkolaatarratti qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbuu himame.
 
Dhoo’insichi naannoo gamoo Biiroo bulchiinsa Loogaar jedhamutti namoota gabaa ayyaanaa raawwachaa jiranirratti qaqqabuu ibsameera.
 
Balaan kun wayita mootummaan Afgaaniistaanii fi hidhattoonni Taaliibaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuuf jiratti kan qaqqabe ta’uu dubbatameera.
 
Waliigalteen dhukaasaa dhaabuu kun har’aa eegalee guyyoota 3f kan turu ture.
Taaliibaan haleellicha keessaa harka kan hin qabne ta’uu yoo beeksisu, IS garuu hanga ammaatti dhimmicha ilaalchisee yaada laachurraa of qusateera.
 
Dubbii himaan bulchiinsa Loogaar Deedaar Laawaang haleellichi kan raawwatame qaama badee balleessuun ta’uu mala jedhaniiru.
 
Waliigaltee dhukaasaa dhaabuu qaamoolee lamaanii dhimma hidhamtoota waljijjiirurratti rakkoon quunnamaa jiraachuu himameera.
 
Bulchiinsi biyyattii Taalibaan humnoota tika mootummaa kuma 1 yoo gadi dhiise, hidhamtoota Taaliibaan kuma 5 gadi dhiisuuf waliigaleera.
 
Mootummaan hanga ammaatti hidhamtoota Taalibaan kuma 4 fi 400 gadi kan dhiise yoo ta’uu, Taaliibaanis qaamoolee nageenyaa mootummaa kuma 1 fi 500 gadi dhiisuu beeksiseera.
 
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.