Fana: At a Speed of Life!

Afoolota biyyattii keessatti argamu dhaloota dhufuuf dabarsuu qabna – Obbo Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Afoolota biyyattii keessatti argamu waliigaltee biyyaaleessaaf itti fayyadamuu fi dhaloota dhufutti dabarsuu qabna jedhan, Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan.

Yaa’iin Afoola Biyyaalessaa 23ffaan mata duree ‘Afoolli waliigaltee Biyyaaleessaaf’ jedhuun Yuunvarsiitii Arbaa Minichitti taa’ameera.

Ityoophiyaan biyya Aadaa, Afaan garaagaraan, jireenya sabaa fi sablamootaa waan taateef, beekumsoota biyya keessaa waliigaltee biyyaalessaa dhugoomsuuf gargaaran qabdi jedhan Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan.

Afooloota kanneen akkaataa faayidaa ijaarsa biyyaatiif ooluu danda’anii fi dhaloota dhufutti dabarsuun danda’amuun qorannoo fi qu’annoon deeggaruun sirna barnootaa keessatti galchuun barbaachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’inna isaatiifis dhaabbilee barnoota olaanoo adda addaa waliin hojjechaa jirra jedhan.

Ministir Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Aadde Warqinash Birruu gama ishee qabeenyaawwan Afoolaa akka hin dagatamnee fi hin banneef kunuunsuun sirnaan qabachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Yaa’iicharratti hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannichaa, miseensonni mana maree bakka bu’oota Uummataa fi mana maree federeeshinii, akkasumas hayyoonni fi Jaarsoliin Gaamoo argamuu OBN gabaaseera .

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.