Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan Ardii miidhaa dachaaf saaxilamteedha – Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Afrikaan Ardii miidhaa dachaaf saaxilamte ta’uu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsan.

Antooniyoo Guutareez Yaa’ii 7ffaa Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti Komishinara Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliin qabiinsa mirga namoomaa ilaalchisee waliigaltee haaraa mallatteessaniiru.

Waliigalticha ilaalchisee ibsa laataniin Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Gamtaa Afrikaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu Antooniyoo Guutareez eeraniiru.

Afrikaan sirna caasaa hariiroo addunyaa keessatti ardii haqa sarbamte ta’uu dubbataniiru.

Sababa gita bittootaa fi olaantummaa humnaan ardichi sarbama haqaa dachaaf saaxilamuu eeraniiru.

Ardiin Afrikaa sababa tasgabbii fi nageenya dhabuutiin haala rakkisaa dabarsaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat dubbataniiru.

Biyyoonni Afrikaa hedduun rakkoo shororkeessummaaf saaxilamaoo ta’uu himuu isaanii RTn gabaaseera.

Waliigalteen haaraan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mallattaa’e kun rakkicha furuuf kan gargaaru ta’uu Muusaa Faakiin himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.