Fana: At a Speed of Life!

Afrikaanonni misooma indaastirii fi daldalaaf xiyyeeffannaa kennuu qabu-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Afrikaanonni misooma indaastirii fi daldalaa isaanii cimsuuf xiyyeeffannaa kennuu akka qaban Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin dubbatan.

Jilli Obbo Dammaqaan Mokonniniin durfamu walga’ii Addaa Gamtaa Afrikaa Niijeer Niyaamiitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataa jira.

Biyyoonni Afrikaa daldalli akka babal’atuu fi misoomni indaastirii saffisaan akka itti fufu taasisuun akka irraa eegamu himanii, kanaafis gaheen hoggansaa olaanaadha jedhan.

Ityoophiyaan abbootii qabeenyaa dhuunfaa jajjabeessuuf rakkoolee caaseffamaa isaan mudatu dhabamsiisuu fi guddina diinagdee biyya keessaa hojiirraa oolchuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan tajaajilaa guutuu foddaa tokko kan kennan paarkiiwwan indaastirii 22 ijaaruu fi humna namaa ga’umsa qabu misoomaa indaastiriif horachuuf sirna barnootaa bocuu ibsaniiru.

Walga’iin addaa Gamtaa Afrikaa mata duree “Misooma indaastirii Afrikaa, guddina indaastirii waaraa hirmaachisaa fi damee diinagdee bal’isuu” jedhuun Nijeer Magaalaa Niyaamiitti gaggeeffamaa jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.