Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma dhibba 9 fi kuma 12 caale

Finfinnee, Adoolessa 24, 2012 (FBC) – Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma dhibba 9 fi kuma 12 caaluu himame.
 
Ardichatti uggura sosochii laaffisuun weerara vaayrasii koroonaa caalmaatti hammeessuu akka malu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.
 
Dhaabbatichi mootummoonni biyyoota Afrikaa qorannoo cimsuu fi tuttuqaa namoota dhibichaan qabamanii ittisuuf xiyyeeffannoom hojjechuu akka qaban hubachiiseera.
 
Afrikaatti daayreektarri dhaabbatichaa Dooktar Mashidisoo Moheeti, biyyi kamiyyuu yaaddoo dhibichi uumerraa bilisa miti jedhan.
 
Keessattuu biyyoonni Afrikaa muraasni labsii weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf baasan laaffisuun isaanii daraan yaaddeessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Akka ragaan ‘Worldometer’ irraa argame muul’isutti Afrikaatti namoota dhibichaan qabaman kuma dhibba 9 fi kuma 12 fi 744 keessaa lubbuun namoota kuma 19 fi 364 darbeera.
 
Namoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 59 fi 953 ammoo dhibichaarraa dandamataniiru.
 
Afrikaa Kibbaatti qofa namoota kuma dhibba 4 fi kuma 82 fi 169 dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni 7 fi 812 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa sadarkaa 9ffaarratti kan argamtu yoo taatu, hanga guyyaa kanaatti namoonni kumni 16 fi 615 dhibichaan qabamaniiru.
 
Afrikaan Kibbaa, Gibtsi fi Naayjeeriyaan sadarkaa 1ffaa – 3ffaatti qabataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.